Hojiin nageenya waaressuu cimee itti fufa – Komishinar Dammallaas Gabramikaa’eel

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Poolisiin Federaalaa hojii nageenya wareessuu hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Poolisii Federaalaatti Kutaan Ittisa Yakkaa waliigalaa buufata Poolisii humna dafee qaqqabaa Asoosaatti ijaare eebbisiiseera.

Poolisiin Federaalaa humna namaa fi teeknooloojiin dandeettii guddaa qabu horachaa jiraachuu Komishinar Dammallaash ibsaniiru.

Poolisiin Federaalaa nageenya waaressuuf hojiile hojjetu kan itti fufu ta’uu fi humna poolisii caalmaatti ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuu dubbachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Beenishaanguul Gumuzirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment