Hojiin mootummaa inni jalqabaa bu’uraalee misoomaa suphuu fi lammiilee miidhaman deebisee dhaabudha- Ambaasaaddar Reedwaan

 

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti hojiin mootummaa inni jalqabaa bu’uraalee misoomaa suphuu fi lammiilee miidhaman deebisee dhaabuu ta’u  Dubbii himaan yaa’insa ragaa labsii yeroo ariifachiisa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.

Dubbii himaan yaa’insa ragaa labsii yeroo ariifachiisa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan haala waqtaawaa biyyaa fi sochii deeggarsa namoomaa naannicharratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan ibsichaan, mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuun ‘yakkamtootaa adamsuu fi  boqonnaa deebisaanii’ dhaaburra ga’u ibsaniiru.

Hojiin jalqabaa bu’uraalee misoomaa miidhaaman suphuu fi lammiilee miidhamaan deebisanii  dhaabuu ta’uu eeraniiru.

Bakki Juuntaan dhokatee turee durfamee waan argameef, hojiin yakkamtoota seeraatti dhiyeessuus yeroo dhiyootti akka ifoomu ambaasaaddarichi himaniiru.

Koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan,  dhaabbiilee mootummaa fi miti mootummaan deeggarsa namoomaa naannichatti taasifama jiru irratti ibsa laataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment