Hojiin Misooma Sululaa godinaaleefi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti jalaqabame

Finfinnee, Amajjii 15, 2015(FBC)- Hojiin Misooma Sululaa godinaaleefi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti guyyaa har’aa jalaqabameera.

Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq ganda Shaawweetti argamuun hojii misooma suluulaa akka Oromiyaatti guyyoota 60’f hojii tola-ooltummaan hojjetamu jalqabsiisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa hojii misooma qonnaa mala barame keessaa bahuun jijjiirama qabatamaa akka galmeessisuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun deeggersa qabatamaa taasisaa jiraachuu obbo Geetuun eeraniiru.

Mootummaan  yaaddoo jijjiirama qilleensaan dhufu dandamachuuf bu’uura jireenya dhala namaafi lubbu-qabeeyyii hunda akkasumas bu’uura hojii misooma qonnaa kan ta’e hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeeffannoo addaa kenuudhaan hojjechaa jira jedhan.

Hojii misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti hojjetameen bishaan lafa jalaafi lafarraa deebi’uu, haroowwan badanii turan deebi’uu fi biyyoon dhiqamaa ture hafuu eeruun, milkaa’ina  innisheetiivii misooma qamadii jallisiif  gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin Kunuunsa qabeenya uumamaa rakkoo hoji-dhabdummaa naannichaa furuu keessatti gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu eeruu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun hojiin misooma sululaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti jalqabeera.

Saganticharratti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa argamaniiru.

Godina Jimmaa aanaa mannaattis hojiin misooma sululaa guyyaa har’aa eegaleera.

Aanaalee godinichaa 22 keessatti hojii Misooma sululaan daagaan gosa gara garaa Kiiloomeetirri kumni dhibbi 1fi kumni 16fi 200 kan hojjetaman ta’uufi lafti Sululaa 510 kan hidhamu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment