Hojiin Misooma Sululaa fi Jallisui haala rakkoo Ityoophiyaaf gumaachuu danda’uun ni hojjetamu – Obbo Umar Huseen

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Hojiin Misooma Sululaa fi Jallisii bona kana gaggeeffamu haala rakkoo Ityoophiyaaf gumaachuu danda’uun hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen beeksiisan.

Bara kana waqtii Bonaa lafa hektaara miiliyoona 4 hojii misooma Sululaan misoomsuuf karoorfamee hojii qabatamaatti galamuu ibsameera.

Lafa misoomuuf karoorfame keessaa hektaarri miiliyoonni 2.5 haara kan misoomu ta’uu eeraniiru.

Hektaarri miiliyoonni 1.5 ammoo iddoo dura misoomirratti hojiin eeggumsa biyyoo fi Bishaaniin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Hojiin misooma Sululaa waggoottaan darban hojjetaman uwwisa Bosonaa % 6.5 ture gara % 15tti ol guddisuu danda’u eeraniiru.

Bara kana ummata miiliyoona 4.3 hirmaachisuun Sululoota kuma 8 fi 429 irratti hojiin
eeggumsa Bishaanii fi biyyoo eegalamuu obbo Umar dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment