Hojiin Misooma Sululaa Duula Xiiqii Uummanni Keenya Gamtaan Milkeessudha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)-Hojiin Misooma Sululaa Duula Xiiqii Uummanni Keenya Gamtaan Milkeessudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis ergaa dabarsaniin, bara kanas hojii misooma sululaa guyyoota 60’f hojjetamu keessatti injifannoo haaraa galmeessuuf duula xiiqii misooma sululaa Amajjii 9, 2016 labsamu keessatti qooda fudhachuun Oromiyaa waliin misoomsuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Oromoon sirna Gadaa ijaarrateen bulchiinsa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee isaa qofa osoo hin taane madaala uumamaa tiksee hariiroo uumama biroo waliin qabus cimsee dhaloota har’aa kan dhaalchisedha.

Seeraa tumee diriirsee uumama hundattis ulfina horee dhaloota kan dhaalchise safuufi safeeffannaa qabeenya uumamaaf qabu irraa kan maddudha.

Gaarri ulfoodhaa manca’e duwwaatti hin hafu jedha, mukeen gurguddoon ulfoodhaa kaan jalatti Irreeffatama, kaan dubbiitu jalatti ilaalamee murteen dhugaan kennama gaaddisa jedhee utuba. Kanaafis seera tumee sirna diriirsee hafteewwan qabeenya uumamaa Addunyaan ittiin har’a nu beektu nu dhaalchise.

Haata’u malee, ilmi namaa of dagachuun safuufi safeeffannaa uumama biroo waliin qabu hir’isee har’a jiraachuuf qofa qabeenya uumamaa mancaasee jeeqamni madaala uumamaa akka mudatu taasise.

Jeeqamni madaala uumamaa mudachaa jirus jiraachuu ilma namaa gaaffii keessa galchaa dhufuu isaatiin mootummoonni Addunyaa madaala uumamaa dabe deebisuuf tarkaanfii waloo fudhachuu irratti argamu.

Akka biyyaafi naannoo keenyaattis madaala uumamaa tiksuuf misooma sululaa qindaa’aa labsinee Inisheetiivii yaadama haaraa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummichi Ministeeraa keenya Dooktar Abiyyi Ahmadiin bocameen tumsinee waggoota Shanan darbe injifannoo Addunyaa raajeffachiisu nu gonfachiiseera.

Uummanni keenya waamicha mootummaan isaa taasisu fudhachuun hojii qabatamaan mirkaneessee biyyaafi biyyoo isaatti ulfina guutuu deebise galateeffachuun barbaada.

Kana malees, hoggansi, ogeessonniifi qooda fudhatoonni milkaa’ina hojii misooma suluulaatiif humnaafi beekumsa keessan osoo hin qusatin hojjettan galatoomaa jechuun barbaada.

Bara 2011 daagaa gosa adda addaa km kuma 374 qofti hojjetamee kan ture seenaan sun jijjiiramee bara 2015tti daagaa km miliyoona tokkoo caalu hojjechuun danda’amee jira.

Istiraakcheroota jiidhinsa qusatan miiliyoona 5.3 bara 2011 keessa kan hojjetame yoo ta’u bara 2015 keessatti dachaa hedduun dabalun miiliyoona 14.3 ol hojjechuun danda’amee jira.

Kana malees, Istiraakcheroota jiidhina yaasanii fi qusatan, hallayyaa hidhuu, tutuqaa namaaf beeladaa irraa bilisa taasisuufi hojiiwwan biroo kan hojjetame yoo ta’u hanga bara 2015tti lafti hektaarri miliyoona 12.5 ol misoomuu danda’ee jira.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa:

Hanguma duudhaa keenya ganamaatti deebinu milkaa’ina dachaa gonfachaa akka jirru hojiin misooma sululaa hojjetamaa tureen bu’aan arganne hojjechuu danda’uu keenya Addunyaaf raggaasiseera.

Hojiiwwan misooma sululaa waggoota Shanan darbe hojjetameen Harki Ashaaraa dhalootaaf darbu hojjetee seenaa Addunyaa raajeffachiisu galmeesse injifannoo haaraa dalaguun seenaa biraa akka ijaaru abdiin qaba.

Bara 2016 kana keessas sululoota kuma 6 fi 465 keessatti lafa hektaara miliyoona 3.2 kan misoomu yoo ta’u, daagaan gosa adda addaa kiiloo meetira miiliyoona 1.16, istiraakcheroonni jiidhina qusatan miiliyoona 16.7 fi kanneen jiidha yaasan hedduminaan hojjechuu, tuttuqaa namaaf beeladaa irraa bilisa taasisuufi hallayyaa hidhuun dhimmoota ogummaan dabaalamanii xiyyeeffannoon hojjetamanidha.

Hojiiwwan misooma sululaa waqtii Bonaa hojjetamu kana keessattis biqiloota faayidaa damdaneessa ta’anii fi eegumsa biyyoof bishaaniif oolan biliyoona 5.5 Ganna dhufu dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Bara kanas hojii misooma sululaa guyyoota 60’f hojjetamu keessatti injifannoo haaraa galmeessuuf duula xiiqii misooma sululaa Amajjii 9, 2016 labsamu keessatti qooda fudhachuun Oromiyaa waliin akka misoomsinu waamichan isiniif dhiyeessa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment