Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Hojiin misooma qonnaa godina Jimmaa jajjabbeessa ta’uu sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessan kilaastara misooma baadiyaa obbo Abdurahmaan Abdallaa ibsan.
Jilli obbo Abdurahmaaniin durfamu godina jimmaatti hojiilee misooma qonnaa adda addaa daawwateera.
Jilichi hojii misooma bunaa aanaa qarsaa daawwateera.
Aanaa oomoo Naaddaa ganda collee beeyyamitti hojii misooma qamadii jallisii jalqabsiseera.
sadarkaa godina Jimmatti bara kana lafa hektaara kuma 46 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarrii kuma 16 misoomuu ibsameera.
Dabaltaan jiraattoonni aannicha raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa qarshii callaa fi gosaan birrii miliyoona 19 fi kuma dhibba 8tti tilmaamamu taasisaniiru.
Amiinaa Abdallaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.