Hojiin mirgaa fi fayyadamummaa hojjettootaa kabachiisuu cimee itti fufa – Aadde Mufariyaat Kamiil

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Nageenyummaa Indaastirii mirkaneessuun, oomishtummaa guddisuun, mirgaa fi fayyadamummaa hojjettoota kabachiisuun cimee itti fufa jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil.

Guyyaan Hojjettootaa Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf akka addunyaatti yeroo 135ffaaf mata duree ‘Nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaaf furmaata barbaanna’ jedhuun kabajameera.

Magaalaa Finfinneetti guyyichi bakka hoggantoonni mootummaa, Hojjettoonnii fi bakka buutonni waldaalee Hojjettootaa argamanitti kabajameera.

Hojiin mirgaa fi fayyadamummaa kabachiisuu, akkasumas nageenya hojjetoota eegsisuu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil eeraniiru.

Fayyadamummaa hojjettootaa mirkaneessuuf gaaffilee jiran qorannoorratti hundaa’uun adeemsaan deebii kennuuf hojmaanni diriirfame hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Mirgaa fi fedhii hojjettootaa guutuuf mootummaa waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidanatiin Konfedereeshinii Waldaa Hojjettoota Itiyoophiyaa Obbo Kaasahuun Fooloon himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment