Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC) – Hojiin meeshaaleefi konkolaattota ABUT dabarsee kenne imalchiisuu eegalamuu ibsameera.
Bu’uura waliigaltee mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffameen hojiin meeshaaleefi konkolaattota ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabarsee kenne imalchiisuu eegaluu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Bu’uura waligaltee mallatteeffameen meeshaalee kanneen gara bakka qophaa’eefitti imalchiisuun eegaluu ibsameera.
Ajaja dhaabbanni isaanii itti kenne haalaan hubachuun hoggantoota ABUT waliin dubbachuun konkolaattotaafi meeshaalee bu’uura yeroo kaa’ameefiin fuuchuun Qajeelcha Olaanaa Loojistikii Raayyaa Ittisaatti dabarsanii kennuufi hojiin meeshaalee kanneen imalchiisuu eegalsuu hoggansi Raayyaa naannawichatti bobba’ee Leetanaal Koloneel Alamee Taaddalaa ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.