Hojiin lammiilee Sudaan jiran biyyatti deebisuu cimee kan itti fufu ta’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Rakkoo Sudaanitti mudateen walqabatee lammiilee Itiyoophiyaa rakkoo keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Rakkoo waqtawaa Sudaanitti mudate hordoffee, godaansa gara Itiyoophiyatti taasifamu hordofuu fi haala nageenya biyyaaleessaa eegeen raawwachuuf akkasumas, Itiyoophiyaanota naannawicha waraanaa keessaa baasuuf koreen biyyaaleessaa hundaa’e hojiilee fuulduratti hojjeturratti marii gaggeesseera.

Walitti qabduun Korichaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaannoon, rakkoolee Sudaanitti mudate hordoffee lammiileen kuma 33 ol gara biyyaatti akka deebi’anii fi naannawaa daangaatti tajaajilli lammummaa barbaachisu kennamuu ibsaniiru.

Fuuldurattis lammiilee haala rakkisaa Sudaan keessa jiran baasuuf korichi qophii barbaachisu xumuruu dubbataniiru.

Hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu torbee dhufuu irraa kaasee kan gaggeeffamu ta’uu Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment