Hojiin Lammiilee Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaa deebisuu eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Hojiin Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaa deebisuu har’a balallii 6 eegalamuu Riyaaditti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiiseera.
Mootummaan Ityoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaa waloon ta’uun lammiilee Ityoophiyaa iddoo tursaa garaagaraa keessatti argaman kuma 40 torbee lama keessatti gara biyyaa deebisuuf har’a hojiin eegalameera jedhame.
Daa’immaan, dubartoonnii fi dhukkubsattoonni dursa argachuun gara biyyaa kan deebi’an ta’uu ragaan Riyaaditti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa .
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment