Hojiin lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebisuu xumurame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Baatii Bitootessaa 2014 eegalee lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 131 ol gara biyyaa deebi’’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise.

Waliigala hojii lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebisuu hojjetameen namoonni kumni 131 fi 642 gara biyyaa deebi’uu Daayrektarri Hariiroo Ummataa komishinichaa Dabbabaa Zawdeen ibsaniiru.

Adeemsi lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuu marsaa lamaan gaggeeffamaa ture xumuramuu dubbataniiru.

Lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuuf waliigala Birriin miiliyoonni 543 baasii ta’uu eeraniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment