Finfinnee, Sadaasa 8, 2017 (FBC) – Hojiin Kaadaasteraa rakkoo walxaxaa qabiyyee lafaan walqabatee ture furuuf hojii hojjetamaa jiru ta’u Waajjirri Kaadaastera lafa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar beeksise.
Waggoottaan sadan darbanii eegalee Kutaalee bulchiinsa magaalaa Shaggar hunda keessatti hojiin ragaa qabiyyee lafaa diijitaalessuu hojjetamaa turuu Daayrektarri Daayrektoreetii Galmeessa qabiyyee lafaa Waajjira Kaadaastera Lafa bulchiinsa magaalichaa Obbo Nagaasaa Jabaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif himaniiru.
Rakkoo kiraasassaabdummaa qabiyyee lafaarra ture ittisuuf hojiin kun furmaata waaraa ta’uu kaasaniiru.
Adeemsicharratti komiin hawaasa biraa ka’u jiraachuu malus hanga ammaatti komiin ifatti nu qaqqabe hin jiru jedhan.
Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet kutaalee magaalichaa tokko tokkotti Kaartaa Kaadaasteeraa fudhachuuf hawaasni Birrii kuma 25 hanga kuma 50 gaafatamaa turuu fi gaafatamaa jiraachuu gabaasuun ni yaadatama.
Akka mootummaatti rakkooleen kunneen jiraachuu ammatti ragaan of harkaa qabnu jiru jedhan Kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisaniin.
Kaartaa Diijitaalaa fudhachuuf kaffaltiin mirkaneessaaf kaffalamu daraan muraasa ta’uu Dooktar Tashoomaan himaniiru.
Komii kana ilaalchisee Obbo Nagaasaan deebii kennaniin, kaffaltii muraasni mirkaneessaa fi waayita Kaartaan fudhatamu kaffalamu jiraatus maallaqa hanga kanaa sababni kaffalchiisu goonkuma hin jiru jedhan.
Ragaan kaartarra jiruu fi lafarra jiru yoo walhin simne, akkasumas rakkoon ragaa biroo yoo jiraate adeemsa ittiin furamu qaba waan ta’eef wanti maallaqa kana hunda gaafachiisu kan hin jirre ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan tokko tokko jiraatuus qabatamaan qaamni komii kana nuuf dhiyeesse hin jiru jechuun ibsaniiru.
Hawaasni waayita rakkoon akkasii isaan mudate karaa seeraan mirga isaanii kabachiifachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet komii ummataa bu’ura taasisuun hojii qulqulleessuu hojjeteen kaffaltiin seeraan ala gaafatamu kun bal’inaan jiraachuu mirkaneesseera.
Hojiin Kaadaasteraa osoo hin eegalamin dura rakkooleen ragaa, mirga namaa fi tajaajilaa hamaa ta’e turuu eeruun, amma bulchiinsa ragaa ammayyeessuun rakkoolee kanneen hambisuun danda’amuu Obbo Nagaasaan himaniiru.
Hanga ammaattis qabiyyeewwan galmaa’uun sirrummaan isaanii mirkanaa’aan kuma 100 fi kuma 70 ol keessaa qabiyyeewwan kuma 100 fi kuma 60 oliif kaartaan diijitaalaa qophaa’uu dubbataniiru.
Bara 2016 hojii Kaadaastera hojjetamaa turerraa galiin Birriin biiliyoonni 1.2 ol argamuu ibsaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia