Hojiin Jijjiirraa Insuleetaroota Sarara daddabarsa humna Elektirikaa Awaash Kiiloo 7 – Ciroo xumurame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Hojiin Jijjiirraa Insuleetaroota Sarara daddabarsa humna Elektirikaa Awaash Kiiloo 7 – Ciroo xumuramuu Humna Elektirikaa Ityoophiyaatti Biiroon Suphaa Tiraanismiishinii fi Oppireeshinii Buufataa Damee Bahaa beeksiseera.
Insuleetaroonni kunneen baroota dheeraaf tajaajiluu isaaniin jijjiiruun dirqama ta’ee argamuu Qindeessaan Hojii Suphaa biirichaa obbo Takkaalenyi Guutumaan ibsaniiru.
Utubaalee 262 irratti Insuleetaroonnii haaraan Pilaastikaa 786 guutumaan guutuutti jijjiirramuuu obbo Takkaalinyi eeraniiru.
Hojiin Jijjiirraa Insuleetarootaa kun hanga Xumuramutti damichi humna Elektirikaa Buufata Sarara Baaburaarraa fayyadamaa turuu Daayreektarri Damichaa obbo Gaashaw Indiriis ibsaniiru.
Insuleetaroonni kunneen Sarara Daddabarsa Humna Elektirikaa olaanaa abbaa Kiiloo Vooltii 132 irratti kan jijjiirrame ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment