Hojiin Inisheetivii Misooma Dammaatiin eegalame bu’aa jajjabeessaa argamsisuu jalqabeera – Pir. Shimallis

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – ”Oromiyaa Galaana Dammaa ni taasisna” mata duree jedhuun hojiin Inisheetivii Misooma Dammaatiin eegalame bu’aa jajjabeessaa argamsisuu jalqabuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis ibsaniiru.

Bu’aan Oomisha Dammaarraa argame kana caalaa yoo hojjenne Diinagdee keenya jajjabeessuun carraa hojii lammiilee hedduuf uumuu akka dandeenyu kan nu hubachiiseedha jedhan.

Omishni Dammaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru fedhii biyyaa guutuun Al-ergii cimsuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Bara kana inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf gaagura ammayyaa kuma 345 qonnaan/horsiisee bultootaafi dargaggoota gurmaa’aniif dhiheessuun dammi tooniin kuma 86 oomishamee jira jedhan Obbo Shimallis.

Akka Oromiyaatti Bara 2016’tti haala mijataa naannichi oomisha dammaatiif qabdu qabatamaan hojiirra oolchuuf, dhiheessii gaagura ammayyaa gara miiliyoona tokkotti ol-guddisuun, Dammaa toonii kuma 113 fi 921 fi Gagaa toonii kuma 7 ol oomishuun, misooma dammaarraa oomishtootaafi naannoo dinagdeen fayyadamoo taasisuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan.

Waggoota itti aanaan muraasa keessatti Dammaa qulqullina olaanaa qabu baay’inaan biyya alaatti erguun Sharafa Alaa guutumaan guutuutti argachuuf hojetamaa jiraachuu.

Oromiyaan Wabii Diinagdee Itiyoophiyaa taatee itti fufti jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment