Hojiin ijaarsaa fi Suphaa Daandii Birrii biiliyoona 22.77 oliin raawwatame

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Baatiwwan Jahaan darbanitti hojiin ijaarsaa fi Suphaa Daandii Birrii biiliyoona 22.77 oliin raawwatamuu Bulchiinsi Daandiwwan Itiyoophiyaa beeksiise.

Walakkaa waggaa kanatti Daandii Haaraa Kiiloo Meetira 402 ijaaruuf karoorfamee Kiiloo Meetirri 279 ol ijaaramuu Bulchiinsichatti Daayrektarri Pilaanii fi Karooraa Qonjiit Alamuun ibsaniiru.

Uwwisni Daandii Federaalaa Kiiloo Meetira kuma 30 fi 456 ga’uus ibsaniiru.

Daandii Kiiloo Meetirri kumni 4 fi 434’f suphaan raawwatamuus himaniiru.

Bara baajataa 2016 keessa Daandii Haaraa Kiiloo Meetira 945 ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yohaannis Darribaowutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment