Hojiin Ijaarsa Warshaan Daabboo Shaggar Hojiin siviliisaa xummurame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Hojiin Ijaarsa Warshaan Daabboo Shaggar Hojiin siviliisaa xummuramee yeroo ammaa hojii maashina dhaabuu hojjetamaa jira.

 

Warshaan Daabboo Shaggar Ji’oota muraasa dura kan eegalame yeroo ammaa hojiin Siviliisaa xummuramee maashinii warshichaa dhaabbachaa akka jiru, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

 

Itti Aanaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa sadarkaa Warshaan kun irra jiru daawwataniiru.

 

Hojiin maashina dhaabuu kun ogeessota biyya alaatiin hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, maashinichi teekinooloojii ammayyaa garagaraan kan guutame jedhameera.

 

Akka OBN gabaasetti humni aannisaa warshaa kanaaf ta’u hojiin bittaa Tiraansfoormaraa gaggeeffamaa jira jedhame.

 

Warshaan Daabboo kun dhiyeenyatti hojii kan eegalu yoo ta’u, Konkolaatonni daabboo kana Kutaalee Bulchiinsaa magaalichaaf raabsan qophaa’uus himameera.

Comments (0)
Add Comment