Hojiin ijaarsa suphaa daandii olaanaa Finfinnee-laga Gibee Birrii biiliyoona 1.4 eegaluuf ta’uu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Hojiin suphaa daandii olaanaa Finfinnee-laga Gibee Birrii biiliyoona 1.4 eegaluuf ta’uu Bulchiinsi Daandiiwwan Ityoophiyaa beeksise.

Yaa’iinsa geejjibaa olaanaa kan qabu daandichi faayidaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa qaburraa kan ka’e tajaajila fooyya’aa kennuu akka danda’utti suphaa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Qaama proojektii ijaarsa daandii Finfinnee- laga Gibee kan ta’e hojii suphaa daandii Finfinnee- Qooraa eegalchiisuuf hojiileen  haalduree hojjetamaa jiraachuu beekameera.

Baasiin proojektichaa Birrii biiliyoonni 1.47 mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Ijaarsa Suphaa daandii kiilomeetira 93 Qooraa-laga Gibee gaggeessuufis hojiileen haalduree hedduun hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun baasii ijaarsa daandichaaf Birrii biiliyoonni 1.6 baajata mootummaan ta’uu ibsameera.

Suphaan daandichaa tajaajila geejjibaa mijataa fi si’ataa kan taasisuu fi balaa tiraafikaa ittisuuf kan dandeesisu ta’uu ragaan Bulchiinsa Daandiiwwan Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment