Hojiin gareen ABUT holqa keessaa dhokatee keessa ta’ee ummata Tigiraay burjaajessuuf yaalaa jiru kan hin mikoofneefidha

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Hojiin gareen ABUT holqa keessaa dhokatee keessa ta’ee uummata Tigiraay burjaajessuuf yaalaa jiru kan hin mikoofneefidha jedhe Raayyaan Ittisa Biyyaa.
Miidiyaalee maqaa Rayyaa Ittisa Biyyaa balleessuun uummata burjaajessuuf yaala jiranis seeraan akka gaafatuu beekisiseera.
Daayrektarri olaanaa Indokitirishinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaral Mahaamad Tasammaan haala yeroo irratti Raayyaa Ittisa Biyyaaf ibsa laataniru.
Haaluma kanaanis haala qabatamaa amma jiruun gareen ABUT dhambaamisifameera jedhan.
Akkasumas ABUT boollaa diigee bahu hin danda’uu ,ibiddaa ofii qabsiiseen gubatee bade jedhan.
Ta’us harcattoonni TPLF holqaa keessa dhokachuun Aktiviistoota birrii guddaa kanfalamuufi waliin ta’uun odeeffannoo dhugaa irraa fagatee labsaa jiru jedhan.
Keessattuu dubbi hima garee ABUT kan ture Geetachaw Raddaa tibbanaa miidiyaa irratti bahuun ergaan dabarsan dargaggoota Tigraay burjajjeessuuf yaadameeti jedhan.
Gama biratiinis odeeffannoon Ministeerrii Raayyaa Ittisaa Biyyaa baankii Gamtaa Oromiyaa waliin hojjeechaa jira jedhamus dhugaa irra kan fagatee ta’uu himan.
Akkasumas dhaabbileen Ministeerriichaa Lakkoofsa Haerrega isaanii gara Bankii Gamtaa Oromiyaatti naanneeffataniiru oduun jedhus sirrii akka hin taanee mirkaneessaniiru.
Ammas taanaan dhaabbileen Ministeerricha jala jiran kan faayyadamaa jiran lakkoofsa Herragaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaatti jedhan.
Dabalatanis yeroo itti Raayyaan Ittisaa Biyyaa Birmadummaa Biyyaa eega jirutti oduu akkasii odeessuun karooraa garee ABUT qaamoota raawwachisuuf socho’an ta’uu himan.
Qaamoleen hojii akkasii hojjetan akka of qusataanis dhaamsa dabarsaniiru.
Hojiin harcatootaa garee TABUT qabani seeratti dhiyeessuu cimee itti fufee akka jirus himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment