Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa waggoota arfaan darban hojjetaman sodaa balaa gogiinsaa hir’isuu danda’eera

Finfinnee, Amajjii 24, 2012 (FBC) – Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa waggoota arfaan darban hojjetaman sodaa balaa gogiinsaa hir’isuu danda’eera.

Ityoophiyaatti waggoota arfaan darbaan hojiin eegumsa qabeenya uumamaa hojjetamaniin sodaan balaa gogiinsaa hir’isuun qonnaa, oomishaa fi oomishtummarratti haala gaarii uumuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Waggoota kana keesssatti Birrii biiliyoona 58 kan tilmaamu hojiin eeguumsa qabeenya uumamaa hirmaannaa hawaasaan hojjetameera.

Ministeera Qonnaatti Daayrektarri Eegumsa fi Itti Fayyadama Misooma Qabeenya Uumamaa obbo Tarrafaa Taaddasaa akka ibsanitti hirmaanna hawaasaa hojii eegumsa biyyee fi bishaanii taasifaman misooma jallisii baballisuuf ga’ee guddaa qaba jedhaniiru.

Bara kana eegumsa qabeenya uumamaa Bonaan lafa heektara miiliyoona 5 misoomsuuf hojiin eegalamuu eerameera.

Comments (0)
Add Comment