Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) –Sagantaan cufiinsa hojii eegumsa biyyeefi Bishaanii guyyoota 60’f tajaajila lammummaatiin hojjetamaa ture gaggeeffame.
Sagantaan cufiinsaarratti Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu dabalatee hoggantoonnii olaanoo biroo bakka argamanitti godina Hararagee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichatti gaggeeffameera.
Obbo Geetuun,Qonnaan bultoota Gubbaa Qorichaa tabba misoomsuun irraa fayyadamuuf kan maandisni waraqaa irratti kaasuu hindandeenye qabatamaan lafarratti agarsisanii fi hojii boonsaa hojjechaa jiran galateeffataniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa hojii misooma sululaa hojjetan kanarratti biqiltuu muduraa, nyaata beelladaa fi Kanniisa akka horiisaan Biiroon Qonnaa Oromiyaa deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu Obbo Geetuun eeruu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa irra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.