Hojiin lolaa dursanii ittisuu naannawaa Sulula Awaash eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)- Ministeerri Bishaanii fi Inarjii, qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun naannawaa Sulula Awaashitti balaa lolaa mudachuu malu hojiin dursanii ittisuu eegalamuu beeksise.

Deeggarsa Baankii Addunyaarraa argameen naannawaa sodaan balaa lolaa jiru Sulula Awaashitti baatiiwwan lama keessatti kan xumuramu hojiin dursanii ittisuu eegalamuu Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Sulxaan Waalii dubbataniiru.

Aanaalee Sulula Awaash gara olii torbatti hojiileen dursanii ittisuu eegalaman wayita xumuraman maatii kuma 27 olirraa balaa lolaa akka ittisuu fi oyiruu qonnaa hektaara kuma 10 ol mancaatiirraa kan baraaru ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis, hojii dursanii lolaa ittisuu naannawaale sululaa birootti kan itti fufu ta’uu akeekaniiru.

Akka biyyattiitti hojii lolaa dursanii ittisuu sululoota torbatti gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment