Hojiin dhaabbii tarbaayinoota madda anniisaa bubbee Ayshaa, 6 xumurame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Hojiin dhaabbii tarbaayinoota madda anniisaa bubbee Ayshaa, 6 xumurame

Tarbaayinoonni dhaabaman hojii yaalidhaaf qophii ta’uu hoji gaggeessaan proojaktichaa obbo Taarraqany Qalamuun ibsaniiru.

Hojii yaalii kanas jalqabuuf diriirsi sarara keessoo hojjetamaa jira jedhan obbo Taarraqany.

Hojicha jalqabsiisuuf buufataaleen raabsaa, kuusaa biyyoolessaatin walqunnamsiifamuu qabu.

Ijaarsa buufata raabsaa, sarara dabarsituu, dhaabbii taawarii fi diriirsa haadaarratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Proojaktichi tarbaayinoota 48, tokkoon tokkoon isaanii anniisaa meeggaa waatii 2.5 maddisiisan qaba.

Hojiin koonkiriitii tarbaayinoota 34 raawwatameera.

Proojakticha dhuma bara 2011tti xumuruun karoorfamee turus sababoota addaddaan amma ammaatti harkifateera.

Keessa deebii karooratiin ijaarsisaa %46.6 irra ga’eera.

Proojaktichi naannoo Somaalee; Ayshaa Dawwalleetti ijaarramaa jira.

Ijaarsichaaf %15 mootummaa Ityoophiyaa, %85 ammoo Baankii Egziim Chaayinaatu danda’a.

Baajanni Doolaara Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 57.2 ramadameefit ture.

Comments (0)
Add Comment