Finfinnee, Bitootessa 1, 2016 (FBC) – Hojiin bu’aa qabeessi Itiyoophiyaan damee Geejjiba Qilleensaan agarsiifte caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Damee Geejjiba Qilleensaan bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktat Alamuu Simeen ibsaniiru.
Hojiin kun caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa hojiilee gaggaarii maqaa biyyaa ijaaran, hojmaata haaraa fi ammayyaa hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru.
Barootaaf biyya kan boonsee fi mallattoo Itiyoophiyaanootaa ta’uurra darbee Damee Aveeshiniin Addunyaarraa adda duree ta’uu kaasaniiru.
Yaa ta’uutii qaamoleen maqaa dhaabbatichaa balleessuuf dhama’an jiraachuu dubbataniiru.
Ololli maqa balleessii carraa argametti fayyadamuun gaggeeffamaa jiru dhugaarraa kan fagaatee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Dooktar Alamuun ibsaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa duula maqa balleessuuf gurra osoo hin laanne hojii boonsaa fi mallattoo biyyaa ta’uu cimee kan itti fufa ta’a jedhan.
Dhaabbatichi yeroo ammaa Xiyyaaroota 145 tajaajila kennaa jiraachuu fi bara baajataa kana bu’aa olaanaa galmeessuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw dubbataniiru.
Dhaabbata hojmaata cimaa fi namuusa gaariin durfamu, wayita rakkoon mudates saffisaan kan furuu fi deebii kan kennu ta’uu eeraniiru.
Nageenyii fi tasgabbiin Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa daraan amansiisaa ta’uu fi hojiin kunis cimee kan itti fufu ta’uu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Zalaalem Mangisteen himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.