Hojiimataa badaa magaalotaa keessatt mul’atan hambisuuf kutannoon hojjechuun murteessadha jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Hojiimataa badaa magaalotaa keessatt mul’atan hambisuuf kutannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa beeksise.

Biirichi magaalaa Adaamaatti ogeeyyii Dagaagina Naamusaa fi Farraa malaamaltummaa magaalotaa fi manneen qopheessaa magaalotaaf leejnii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennaa jira.

Naamusni mana hojii cimaan akka jiraatuuf ogeeyyiin dagaagina naamusaa hubannoo gahaa horachuun rakkoo naamusa hojii keessatti mudatan dursanii beekuun irratti hojjechuuf karaa dandeessisuun leenjichi kennamaa jiraachuu ibsameera.

Hojiimataa badaa magaalota keessatti mul’atan hambisuuf kutannoon hojjechuun murteessa ta’uu Ittaanaan hogganaa Biiroo Misooma Magalaa fi Maneennii fi Itti gaafatamaan damee Bulchiinsa Gamoo obbo Huseen Ushuu dubbataniru.

Ogeeyyiin dagaagina naamusaa fi farraa malaamatummaa magaalotaa hannaa, kiraa sassabdummaa, qisaasima qabeenyaa fi hojiimataa badaa hambisuuf gochoota kanneen irraa ofii bilisa ta’uu akka qaban ibsaniiru.

Fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf hojjetamu akka qabu ibsuu isaanii ragaan BDHKMNOrraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment