Hojiimaanni shaqaxaalee bu’uuraa eeyyama sharafa alaa malee gara biyyaa galchisiisu diriiruu ibsame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa shaqaxaalee bu’uura eeyyama sharafa alaa malee gara biyyaa galchaniif tajaajila saffisaa kennuu kan dandeessisu hojiimaanni diriiruu ibsame.

Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa shaqaxaalee bu’uura eeyyama sharafa alaa malee gara biyyaa galchaniif tajaajila saffisaa kennuu kan dandeessisu hojiimaanni diriiruu Komiishinii Gumruukaatti Ittaanaan Komiishinaraa Bittummaa Seeraa Obbo Mulugeetaa Baayyanaa ibsaniiru.

Ministeerri maallaqaa qaala’insa jireenyaa mudate tasgabbeessuuf bu’uuraalee shaqaxaalee bu’uuraa kanneen akka zaayitii, qamadii, sukkaara, aannan daa’immanii fi ruuzii eeyyama sharafa alaa malee gama Komiishinii Gumurukaan kallattiin gara biyyaatti akka galu murteessee turuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan komishinichi  carraa kanatti fayyadamoo kan ta’an Ityoophiyaanota fi dhalattoota Ityoophiyaaf tajaajila saffisaa akka argatan taasisuuf hojiimaata diriirsuu fi qophii barbaachisu hunda xumuruu himaniiru.

Qaamolee damee kana irratti bobba’aniif eeyyamni Waajjira Olaanaa Komiishinii Gumruukaarraa akka kennamu eeruun eeyyamicha erga argatanii booda gama dhaabbilee isa jalatti argamanii fi dameelee 18’tti keessummeeffamuu akka danda’an dubbataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment