Hojiileen wabii nyaataa mirkaneessuuf eegalaman cimanii itti fufuu qabu – Obbo Getaachoo Raddaa

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Naannoo Tigraayitti hojiileen wabii nyaataa mirkaneessuuf eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaan hubachiisan.

Hojiileen qonnaa fi qabeenya uumamaarratti eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya bulchiinsa yerichaa raawwii hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 gamaaggameera.

Obbo Getaachoo Raddaan waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, dhimmoota xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiran keessaa wabii nyaataa mirkaneessuun ijoo ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa qonna ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin misoomaa fi deebisanii ijaaruu caalmaatti cimuu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment