Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)-Naannoo Tigraayitti qonna ammayyeessuuf hojiin dhiyeessii galteewwanii fi Makanaayizeeshiniin eegalaman jijjiramaa fidaa jiraachuu Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaan ibsan.
Naannichatti Siimpooziiyeemiin biyyaalessaa mata Duree “ Xiyyeeffannoo Misooma qonna Naannoo Tigraayiif “ jedhuun magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Siimpooziiyeemicharratti Obbo Geetaachoon haasawaa taasisaaniin,dameewwan Invastimantii fi qonna naannichaa jijjiruuf Bulchiinsi Yeroo Naannichaa qooda fudhattoota waliin xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiilee eegalaman cimsuun damee inavstimantii miidhame deebisanii dandamachiisuun jijjiramni fooyya’aan akka jiraatuuf tattaaffiin kan taasifamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia