Hojiileen nageenyaa fi haqaa hojjetaman misooma naannichaa kan ariifachiisan ta’uu qabu-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Hojiileen nageenyaa waaraa fi haqaa mirkaneessuuf hojjataman hojiilee misooma naannichaa daran ariifachiisuuf hojjetaman ta’uu akka qaban Ittaanaan Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbatan.

Gamaaggamni raawwii kilaastara haqaa fi nageenyaa baatiilee jahan darbanii fi karoora fuulduree gaggeeffameera.

Gamaaggamicharratti Obbo Awaluu Abdiin, Naannoo Oromiyaa keessatti hojiileen nageenyaa waaraa fi haqaa mirkaneessuuf hojjataman, hojiilee misooma naannichaa daraan arifachiisuuf ta’uu qaba jedhan.

Sadarkaa Ittaanaa Pirezedaantiitti, Qindeessaan kilaastera Nageenyaa fi Haqaa Komishinara Jeneraalaa Kaffiyaalawu Tafarraa gama isaanin, mootummaan hojii nageenyaa fi haqaa naannichatti gaggeeffamaa jiruuf kilaasteerri Nagaa fi Haqaa addatti of danda’ee akka hogganamu ta’eera jedhan.

Qindoomina qaamoolee nageenyaa cimsuun, nageenyaa waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan kennamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti hojiilee haqaafi nageenyaa qindoomina qaamolee nageenyaa, hoggansaafi hawaasni bal’aan hojjetameen, rakkoolee naannawaa daangaarratti mul’atan hiikuu fi qabeenya yakka malaamaltummaatiin argame deebisisuu irratti hojiilee jajjabeessan hojjetameera jedhame.

Fuuldurattis kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa to’achuudhaan, olaantummaa seera kabachiisuu fi ga’uumsa qaamolee nageenyaa fooyyessuun hojiilee kilastaricharraa eegamu ta’uu ragaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment