Hojiileen msoomaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffaman daawwataman

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, fi Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa Magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin, giddugalaa gurgurtaa oomishaalee Lammii Kuraa, misoomaa beeyladaa fi giddugala ogummaa, giddugalaa dagaag’inaa fi haaromsaa dubartootaa akkasumsa hojiilee misoomaa biroo daawwataniiru.

Hojiileen Misoomaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiranii fi pirojektoonni guguddoon ijaaramaa jiran fayyadamummaa hawaasaa kanneen mirkaneessanii fi naannolee biroofis fakkeenya akka ta’an Obbo Araggaa Kabbadaan ibsaniiru.

Dabalataan, hojiilee misooma kutaalee magaalattiitti ijaaramaa jiran kutaalee hawaasaa sadarkaa gadaanaa fayyadamtoota akka taasisanii fi qaala’iinsa jireenyaa kan salphisan ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment