Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) -Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee raawwii proojektoota misoomaa guyyoota 60f kutaa Magaalaa Qiirqoositti hojjetamaa jiranii daawwataniiru.
Proojektoonni hedduun kutaa magaalichaatti saffisaan hojjetamuun tajaajila ummataaf akka oolaan ifoomsuun isaanii kan yaadatamuudha.
Guyyaa har’aas haala ijaarsi Proojektootaa kanneenii irratti argaman daawwataniiru.
Hojiileen hedduun akkaatuma karooraa fi yeroo kaa’ameefitti raawwatamaa jiraachuu Aadde Adaanach daawwannaa isaaniin mirkaneessaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa rakkoolee hojiiwwan misoomaa yeroon akka hin xumuramne gufachiisuu danda’an furuuf deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu eeruu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.