Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Magaalaa Goondaritti hojiileen misoomaa seenaa magaalattii gitan saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Obbo Tamasgeen Xurunaa, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi qondaaltonni biroon hojiilee misoomaa Magaalaa Goondarii fi naannawaa isheetti gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.
Daawwanicharratti Obbo Tamasgeen Xurunaan akka jedhanitti, mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannaa kenneen ijaarsi pirojektii Hidhaa Magacaa saffisaan gaggeeffamaa jira.
Pirojektichi lammiilee kuma 1’f carraa hojii kan uume ta’uu eeruun wayita xumuramuttis dhiyeessii bishaan dhugaatii Magaalaa Goondariif gahee olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Dabalataan hojii Haaromsaa Masaraa Faasil kan daawwatan yoo ta’uu hojichis sadarkaa gaariirratti argama jedhaniiru.
Hojiileen misoomaa kooriidarii seenaa Magaalaa Goondariin gitan hojjetamaa jiraachuun magaalattiif humna misoomaa olaanaa uumaa jiru jedhan.
Mootummaan federaalas xiyyeeffannaa kenneen qe’ee seenaa qabeessa Goondar ogummaa ijaarsa manaa eeggatee haaromfamaa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia