Hojiileen misoomaa deeggarsa IFADn hojjetaman jireenya hawaasaa foyyessuuf ga’ee olaanaa qabu- obbo Ristuu Yirdaa

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Hojiileen misoomaa deeggarsa IFADn hojjetaman jireenya hawaasaa foyyessuuf ga’ee olaanaa kan qaban ta’uu Preezdaantiin naannoo Uummattoota Kibbaa  obbo Ristuu Yirdaa ibsan.

Obbo Ristuun Daayrektara dhaabbata deeggarsa misooma qonnaa idil addunyaa “IFAD” Kamaawiiraa Chiitmaa  waliin mari’ataniiru.

Obbo Ristuun hojiileen IFADn naannichatti hojjetaman jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti ga’ee olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Jireenya qotee bulaa fi horsiise bulaa roobarratti hundaa’e fooyyessuuf hojiilee jallisii xixiqqaa hojjechuun bu’aa gaariin argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis galii damicharraa argamu guddisuuf hojiiwwan dhaabbilee tumsaa waliin hojjetaman kan cimsan ta’uu eeraniiru.

Hojiilee misooma jallisii bu’aa qabeessa taasisuuf mootummaan naannichaa Birrii miiliyoona 100 ramadee hojjechaa jiraachuu obbo Ristuun eeraniiru.

Bakkeewwan bishaan hin jirretti rooba cimmisuun hojii misooma jallisiif oolfamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bakkeewwan gammoojjiitti balaan lolaa fi rakkooleen biroon irra deddeebiin horsiise bultootarra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu fi rakkoolee kanneen furuuf qindoominaan hojjechuun kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Daayrektarri dhaabbatichaa Kamaawiiraa Chiitmaa  nageenyi naannichaa sadarkaa amansiisaarra ga’uu dinqisiifataniiru.

Hojiilee misoomaa jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojjetaman irratti qindoominaan waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment