Hojiileen misooma qonnaa eegalaman nyaataan of danda’uurra darbee birmadummaa diinagdeef bu’uura kan kaa’anidha- Anga’oota Mootummaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015(FBC)- Hojiileen misoomaa damee qonnaan eegalaman nyaataan of danda’uurra darbee birmadummaa diinagdee biyyattiif bu’uura kan kaa’an ta’uu anga’oonni olaanoon Mootummaa ibsan.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabalatee hoggatoonni olaanoon mootummaa hojiilee misoomaa garaagaraa godina Jimmaafi Yuunivarsiitii Boongaa daawwataniiru.

Hoggantoonni daawwanicharratti hirmaatan kunneen hojiileen misooma qonnaa hojjetamaa jiran akka biyyaatti dandeettii ce’umsaa guddaa ta’uu addeessaniiru.

Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Gabramasqal Caalaan, hojiileen qonnaafi  misoomaa biroo bakkeewwan garaagaraatti hojjetamaa jiran tataaffii  nyataan ofdanda’uuf taasifamuuf agarsiistuu dandii miolkaa’inaa ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan gamasaaniin, hojiin misoomaa dinqisiisaan Boongaatti mul’ate bakkeewwan biroottis yoo hojjetame milkaa’inni hunda galeessa Ityoophiyaa akka mirkanaa’uuf agarsiistuu ta’uu eeraniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Waamamaan Mootummaa Obbo Tasfaayee Baljigeen, hojiilee misooma  qonnaa haaraa kanaan dura naannawichatti hin beekamne bal’inaan daawwachuu eeruun, Ityoophiyaan nyaataan of danda’uu akkasumas abdii guddinaafi badhaadhinaa ishee dhugoomsuuf kallattii sirriin kan itti mul’ate ta’uu dubbatan.

Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Dhimma Filannoo Zaadiig Abrahaan gamasaaniin, sochiileen hojii misoomaa dameewwan maraan daawwatan Ityoophiyaan oomishtummaa sadarkaa gadi aanaarraa ce’aa jiraachuu kan argisiisanidha jedhan.

Akka biyyaatti diinagdee gooroofi misooma qonnaan jijjiiramni guddaan mul’achaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment