Hojiileen misooma qonnaa Aanaa Qondaalaa daawwatame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)-Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaan Obbo Geetuu Gammachuun durfamu godina Wallagga Lixaatti hojiilee misooma qonnaa Aanaa Qondaalaa daawwateera.

Haaluma kanaan jilichi aanichatti boqqolloo kilaastaraan faca’aa jiru daawwateera.

Bara oomisha 2016/17’tti Aanaa Qondaalaa lafa heektarri kuma 41 ol oomisha garaagaraan uwwisuuf hojjetama jiraachuun eerameera.

Waggoottan darban rakkoo nageenyaa Aanichatti mudataa tureen misooma qonnaa tasgabbiin gaggeeffachaa akka hinturre kan yaadachiisan qonnaan bultoonni Aanichaa, yeroo ammaa nageenyi waaraan aanichatti mirkanaa’aa jiraachuurraan misooma qonnaa isaanii ciminaan hojjechaa akka jiran himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment