Hojiileen misooma Qamadii Beenishaangul Gumuz jajjabeessoodha-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Hojiileen misooma Qamadii Naannoo Beenishaangul Gumuz jajjabeessoo ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu hojiilee misooma qamadii naannichaa daawwataniiru.

Akka biyyatti, jallisiin qamadiin lafti hektaarri miiliyoona 1.3 misoomuu fi qonnan bultootaa Naannoon Beenishaangul Gumuziin hojiileen misooma qamadii gaggeeffamaa jiran jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Manni hojii ministeerichaa fuulduratti hojiilee msooma qamadii naannichaa cimsuuf galteewwan barbaachisan akka dhiyeessu ibsaniiru.

Naannichatti Damee Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa banuun, qonnaan bultoonni kallattiin fayadamtoota akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Beesnishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, mootumaan naannichaa hubannoo qonnaan bultootaa gabbisuu, deeggarsa fi hordoffii taasisuun yeroo ammaa hojiilee muuxannoo gaariin qamadiin argame gaggeessuu ibsan.

Daawwanicharratti Ityoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Osmaan Diyoon, hojiilee misooma qamadii naannichaatti gaggeeffamanitti gamaduu ibsaniiru.

Baankichis dhiyeessii galtee maashinarootaaf xiyyeeffannaa kennuun guddinaa damee qonnaa naannichaaf tumsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru.

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti lafa hektaaraa kuma 2 fi 500 ol qamadiin uwwifamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment