Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)- Hojiileen Komishiniin Marii Biyyaalessaa hojjechaa jiru jajjabeessaa fi sadarkaa gaariirra jiraachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Komishinichi kan hogganamu Paarlaamaan ta’uu kan kaasaan Dooktar Abiy miseensonni bu’aa caalu akka galmaa’uuf tumsa kka taasisan dhaaman.
Dabalataan gama mootummaan komishinichaf deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu himan.
Yeroo ammaas sochii ajandaa walitti qabuu naannolee garaagaraatti komishinichi taasisaa jiru, sadarkaa gaarirratti akka argamuu fi jalqabbiin jirus jajjabeessaadha jedhan.
#Oromia #Ethiopia