Hojiileen kominikeeshinii qajeeltowwan waliigaltee nageenyaa kabajuun hojjetamuu qabu – Dooktar Laggaasee Tulluu

Finfinne,Sadaasa 2 ,2015 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala waqtaawaarratti hoggantootaa Biiroolee Kominikeeshinii naannoolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin mari’ateera.

Qajeeltoowwan waliigaltichaa buu’uura taasiisuun hojiin hubannoo uumuun hojjetamuu akka qabu marichaan ibsameera.

Ummanni Odeeffannoo waqtaawaa fi sirrii akka argatu caasaaleen kominikeeshiniin xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabaniifi haasawa jibbiinsaa walitti bu’iinsa jajjabeessan haala maksuun danda’amurratti mari’atameera.

Hojiileen kominikeeshinii qajeeltowwan waliigaltichaa kabajuun bifa obbolummaa fi waliin jireenya cimsaniin hojjetamuu akka qaban Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun ibsaniiru.

Dhaabbileen Kominikeeshinii sadarkaan jiran wal dubbisaa odeeffannoo waqataawaa fi sirrii ummataan ga’uun fedhii odeeffannoo argachuu hawaasaa mirkaneessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa miidiyaalee Ityoophiyaa Obbo Mahaammad Idiriis gama isaaniin dhaabbileen Kominikeeshinii fi Miidiyaa bifa qindoomina qabuu fi walitti bu’iinsa uumanirraa karaa qulqulluu ta’een odeeffannoo hawaasaaf qaqqabsiisuun mirga odeeffannoo argachuu lammiilee hojiitti hiikuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbileen Kominikeeshinii mootummaa adeemsa waliigaltee biyyaalessaa eegalame ilaalchisee odeeffannoo jiru qixa sirrii ta’een hawaasa qaqqabisuuf hojjechuu qabu jedhan.

Maricharratti hoggantoonnii fi ogeeyyiin Biiroolee Kominikeeshinii naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa hirmaachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment