Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Hojiileen Ijaarsa siiviilii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa % 95 ga’uu hojii gaggeessaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon ibsan.
Bara kana hojiilee raawwatamuuf karoorfame keessaa Tarbaayina 2ffaa fi Jenereetaroota anniisaa maddisiisuu eegalchiisuu ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaas karoorichi milkaa’uun Yuunitoonni lamaan anniisaa maddisiisuu eegaluu Injiinar Kifleen dubbataniiru.
Jijjiirramaan booda tarkaanfii sirreeffamaa fudhatameen waggoota sadi keessatti sibiiloonni dabarsa bishaanii hidhicha keessatti dhaabbachuu qaban xumuramuu ibsaniiru.
Hidhicha hanga meetira 141 ol dheereessuuf guutiinsi bishaanii marsaa 1ffaa fi 2ffaan kan gaggeeffame ta’uu fi marsaa 3ffaan adeemsarra jiraachuu himaniiru.
Hojiin Warshaa Makaanika Elektirooniksii fi hojiin dhaabbii % 61, akkasumas hojiin sibiiloota bishaan dabarsanii % 73 irra qaqqabuu isaa dubbataniiru.
Yeroo ammaa raawwiin waliigalaa piroojektichaa %83.3 ga’uu eeraniiru.
Hojii waliigalaa waggoottan lamaan dhufan keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.