Hojiilee rakkoolee ummataa furan raawwachuun itti fufa – Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Hojiilee rakkoolee ummataa furan raawwachuun cimee itti fufa jedhan Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin.

Manni Maree Bulchiinsaa naannoo Hararii gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa gaggeessaa ture xumureera.

Gamaaggamichi galma isaa kan milkeessee fi waliigaltee waloo kan uume ta’uu Obbo Ordiin Badiriin ibsaniiru.

Dhaabbileen mootummaa naannichaa karoora fooyya’aa rakkoolee hawaasaa hiikuu danda’an qopheessuun gara hojiitti galuu eeraniiru.

Raawwii piroojektootaa fi itti fayyadama baajata mootummaa waliin wal qabatee hanqinaaleen jiran furuun murteessaa ta’uu dubbachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment