Hojiilee qulqullina barnootaa fooyyessuuf eegalaman nan deeggara- Kaanaadaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti hojiilee qulqullina barnootaa fooyyessuuf eegalaman kan deeggaru ta’uu mootummaan Kaanaadaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Nagaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kaanaadaa Isteefaanii Joobiin waliin qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojiilee riifoormii eegalame irratti mari’ataniiru.

Sagantaa fooyyessa Afaan Ingilizii hojiirra oolchuuf deeggarsa mootummaan Kaanaadaa taasisuu danda’urrattiifi bobbii barsiistota tola ooltotaarratti mari’achuu ragaan ministeerichaa ni mul’isa.

Abaasaaddar Isteefaanii Joobiin Ityoophiyaatti hojiilee qulqullina barnootaa fooyyesuuf eegalaman dinqisiifachuun mootummaan Kaanaadaa deeggarsa kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment