Hojiilee misooma Sululaa milkaa’inaan raawwachuu dandeenyerra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)-Hojiilee misooma Sululaa milkaa’inaan raawwachuu dandeenyerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bara kana, hirmaannaa ho’aa ummanni gama Tajaajila Lammummaatiin taasiseen, hojiilee misooma sululaa, eegumsa biyyeefi bishaanii akkaataa ijaarsa caasawaa (physical), lubbu qabeessawaa (biological)fi facaatii qonnaa (agronomic) hubateen milkaa’inaan raawwachuu dandeenyeerra.

Asirratti qooda bakka bu’ummaa hinqabne, ummanniifi ogeeyyiin qonnaa keenya bahaniif, galateeffataniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufu adeemsifamuufis ummanni gamanumaa qophii isaa akka xummuru dhaamaniiru.

Hirmaannaa misooma sululaa irratti mul’dhise kana, duula Ashaaraa Magariisaa irrattis akka dabalu Amantaa qaba ibsaniiru.

Imaammataa fi tarsiimoo addaa akkasumas duudhaa ummata irraa maddan babal’isuun, hirmaannaa ummata daran dabaluun, badhaadhina nidhugoomsinas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment