Hojiilee misooma Koridarii Piyaasaafi ‘Araat kiiloo’ yeroo qabameef keessatti xumuramuu wayita ibsinu gammachuudhaani – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC) – Hojiilee misooma Koridarii Piyaasaafi ‘Araat kiiloo’ yeroo qabameef keessatti xumuramuu wayita ibsinu gammachuudhaani jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Yeroo itti aanu qabeenya qusachuun hojii duraa ta’ee,hojiilee misooma koriidarii hafan saffisaa fi kalaqaan tumsuun barbaachisaadha jedhan.

Qulqullina hojii eeguu fi naannawaa lammiileef mijataa ta’an uumuuf dhimmoota ijoo xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uu kaasaniiru.

Piroojektiin kun tumsa qaamolee hedduun kan durfamu ta’uu himaniiru.

Jalqabaa eegalee qaamolee hirmaannaa taasisaan galateeffataniiru.

Adeemsa hojii guddaa magaalaa keenya caalmaatti jijjiiruuf hojjetamu keessatti rakkina lammiileerratti ga’uu malu kamiifuu dhiifama gaafanna jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment