Hojiilee ittisa Dhibee Busaa cimsuuf Agoobara miiliyoona 20.6 raabsuuf karoorfame – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) – Hojiilee ittisa Dhibee Busaa cimsuuf Agoobara miiliyoona 20.6 raabsuuf karoorfachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Manneen miiliyoona 1.6 irratti keemikaala farra bookee busaa biifuuf karoorfamuus ibseera.

Ministeerri Fayyaa Ayyaana Guyyaa Ittisa Busaa Addunyaa sababeeffachuun Miidiyaaf ibsa kenneera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dhibee Busaa Ityoophiyaa keessaa guutumaa guutuuttti dhabamsiisuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sochiin hojii dhabamsiisa dhibee Busaa Aanaalee 500 ol keessatti hojjetamaa jiruun, bu’aan gaariin argamuu dubbataniiru.

Dhibee Busaa Ityoophiyaa keessaa guutumaa guutuutti dhabamsiisuuf carraaqqii taasifamaa jiruun, qindoominni dhaabbilee deeggartootaa, Miidiyaalee fi ogeeyyii fayyaa daraan cimsuun barbaachisaa ta’uus Dooktar Darajjeen himaniiru.

Haalli teessuma lafa Ityoophiyaa % 75 tatamsa’ina Bookee Busaaf mijataa ta’uu eeraniiru.

Ummanni naannolee kanneen keessa jiraatan % 52 dhibichaaf saaxilamoo ta’uu himaniiru.

Kiitiin qorannoo Dhibee Busaa taasiisuuf gargaaru miiliyoonni 5.5 fi qorichi dhukkubsattoota miiliyoona 4 yaaluuf dandeessisu bittaan raawwatamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Eebila 21, 2014 guyyaa Dhibee Busaa magaalaa Adaamaatti kabajuuf qophiin xumuramuu ibsa isaaniin kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment