Hojiilee immigireeshinii irratti fooyyessiiwwan hojiirra oolfamaa jiru-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC)- Komii ummataa dhaggeeffachuun hojiilee immigireeshinii irratti dhimmoota sirreeffama barbaadaniif xiyyeeffannaan kennamee jijjiirama taasisuun, baatiiwwan muraasa keessatti fooyya’iinsi hedduun hojiirra oolfamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti guyyaatti paaspoortiiwwan 900 kan kennamaa ture gara kuma 1 fi 700’tti guddisuun akka danda’ame eeraniiru.

Gaaffiiwwan dhiyaatan keessummeessuun xumuruuf hojiilee hojjetamaaniin paaspoortiiwwan miiliyoona 1 galfamuun %87 raabsamuu himan.

Komiiwwan kuufaman guutummaatti furamuu; namoonni seeraan alaa Itiyoophiyaa jiraatan kumni 10 fi 467 galmaa’uu, namoonni sanada sobaa qaban kumni 18 adabbii akka kaffalan taasifamuu, biyyoota 88’tti tajaajila viisaa banuun e-visa dabalatee tajaajilli visaan kennamuu ibsan.

Akkasumas namoota dhuunfaa miiliyoona 4 fi kuma 276 fi 474’f buufataalee geejjiba qilleensaa fi galaanaatti tajaajilli kennamuu dubbataniiru.

Yeroo ammaas dhaabbaticha ammayyeessuu fi dhaabbata tajaajilicha qulqullinaan kennu taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment