Hojiilee hirmaannaa diyaaspooraa cimsan gaggeessuuf qophiidha-Biiricha

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015(FBC)- Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa gaaffilee dhiyeessuu bu’uureffachuun hojiilee hirmaannaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa diyaaspooraa cimsan gaggeessuuf qophii ta’uu Ityoophiyaatti Biiroon Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunya beeksise.

Ityoophiyaatti Biiroon Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunya Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa waliin dhimmoota hirmaannaa diyaaspooraa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Daayrektarri tajaajilichaa Dooktar Mahaammad Indiriis akka ibsanitti, caaseffama gurmaa ‘inaa fi seeraa diriiran caalmaan bu’aa qabeessa taasisuuf gama haala mijeessuun Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu fedhii jiru ibsaniiru.

Muuxannoo dhaabbatichaa fayyadamuun dandeettii diyaaspooraa fi ga’umsa biyyaa keessa walsimsiisuuf karoora tarsiimawaa bocuu fi hojmaataa hirmaannaa diyaaspooraa saffisiisan hojiirra oolchuuf tajaajilichi wixineewwan baase dhugoomsuuf waliin hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Ityoophiyaatti Itti Gaaftamtuun Biiroo Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa Abibaatuu Waaneem gama isaaniin, dhaabbanni isaanii hariiroo Tajaajilaa Diyaaspooraa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuu akka barbaadu mirkaneessaniiru.

Dhaabbatichis gaaffii dhiyaatuuf irratti bu’uureffachuun hojiilee hirmaanaa diyaaspooraa cimsan hojjechuuf qophii ta’uu himuu isaanii ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment