Hojiilee dippiloomaasii haalota yeroo ilaalcha keessa galchan cimsanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Hojiilee dippiloomaasii haalota yeroo ilaalcha keessa galchan daran cimsanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Bu’aa fooyya’aa galmeesisuuf hojiilee dippiloomaasii haalota yeroo ilaalcha keessa galchan daran cimsanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.

Miisiyoononni biyyoota Afrikaa keessatti argaman gabaasa raawwii karoora hojii baatiiwwan 9 darbanii fi karoora guyyoottan 60 itti aananiirratti hoggantoota miisiyoonotaa waliin mari’ataniiru.

Sadarkaa raawwii karooraa irratti Daayrektarri Jeneraalli Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaan ibsa kan kennan yoo ta’uu, dhimmoota fooyya’uu qaburratti xiyyeeffannoon akka laatamu yaadachiisaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan sochii hojii tokkoon tokko miisiyoonaa irratti ciminootaa fi hanqinaalee jiran gamaaggamuun hojiilee yeroo ittaanutti xiyyeeffannoon hojjetaman irratti qajeelfama laataniiru.

Guyyoota hafanitti hojiilee karooraan qabamaniin ala hojiilee dippiloomaasii haala yeroo ilaalcha keessa galchan hojjechuun bu’aa fooyya’aa galmeesisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment