Hojii tola ooltummaa damee barnootaa Ganna darbee hojjetame keessatti abbootii qabeenyaa, dhaabbilee fi barsiisota hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtii kennamuufi

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC ) – Hojii tola ooltummaa damee barnootaa Ganna darbee hojjetame keessatti abbootii qabeenyaa, dhaabbilee fi barsiisota hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtii kennuuf akka ta’e Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Ittaanaa Hoogganaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa obbo Efireen Tasammaa turtii Faanaa Biroodikaastiingi Koorpreet waliin taasisaaniin akka eeranitti, biirichi Amajjii 16, 2013 magaalaa Adaamaatti sirna beekamtii kennuu qopheesseera.
Hojii tola ooltummaa ganna darbeetiin daree dabalataa ijaaruu keessattii kanneen hirmaataan abbootii qabenyaafi dhaabbilee addaa addaa 12, barsiisota 108, bulchiinsa magaalaalee 3 fi godinaalee 3 hojii fakkeenyumaa qabuu hojjetaniif sirna beekamtii kanaan kan badhaafaman akka ta’e Obbo Efireem kan dubbatan.
Hojii tola ooltummaa ganaatiin dareewwan barnootaa dabalataan ijaaramaan kuma 34 fi 200 ol kan ijaaraman yoo ta’u, kunis Birrii biliyoona 5tti akka tilmaamamu himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment