Hojii Riifoormii hojjetameen dhaabbileen qabiyyeefi bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa jala jiran bu’aa qabeessa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Hojii Riifoormii diinagdee biyya keessaan hojjetameen dhaabbileen qabiyyeefi bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa jala jiran bu’aa qabeessa ta’uu ibsameera.

Baatiiwwan jahan darban qofaatti dhaabbileen qabiyyeefi bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa jala jiran 9 galii Birrii biiliyoona 20 ol walitti qabuuniifi bu’aa Birrii biiliyoona 2.7 argamsiisuun dachaan ol guddina galmeessisuu eerameera.

Daayrektarri Olaanaan Qabiyyeefi Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Obbo Habtaamuu Hayilamikaa’el, dhaabbileen kunneen kan bara darbee yeroo walfakkaatuun guddina %37 galmeessisuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Dhaabbileen kunneen sharafa alaa Doolaara miiliyoona 300 argamsiisuuf karoorfatanii Doolaara miiliyoona 185 argachuu ibsuun, karoorichaan walbira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa ta’uu kaasaniiru.

Kanaaf ammoo sababni hanqina galteefi sababoota walfakkaatan ta’uu eeraniiru.

Kanaan dura tokkoon tokkoon dhaabbilee kisaaraa keessa kan turan kaan isaaniimmoo bu’aan isaanii hanga eegamuu gadi akka ta’e yaadachiisaniiru.

Hojii riifoormii diinagdee biyya keessaan hojjetameen dhaabbileen kunneen kisaaraa keessaa akka ba’aniifi bu’aa qabeessa akka ta’an taasisuun danda’amuu ibsameera.

Dhaabbileen kunneen bu’aa argatanirraa gahee bu’aa mootummaaf akka kaffalaniif kan dirqisiifaman ta’uu addeessaniiru.

Tajaajilli Poostaa Ityoophiyaa, Inistiitiyuutii Eegumsi Fayyaa Beelladaa Biyyaalessaafi Inistiitiyuutiin Galteewwan Indaastirii Ityoophiyaa bara kana Birrii kaffaluu qaban miiliyoona 139 keessaa kaffaluu kan danda’an Birrii miiliyoona 26 qofa ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen hafan jahaan kaffaltii gahee bu’aa mootummaa kaffalaa kan hin jirre ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen kunneen idaa irra kuufame ofirraa salphisuun sirna faayinaansii fayyaalessaatti wayita deebi’an kaffaltii gahee bu’aa mootummaa akka kaffalan kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Hojiin to’annoofi hordoffii hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Hayilayyasuus Siyyumtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment