Hojii Raawwachiisaa Olaanaan duraanii FBC Obbo Baqqalaa Mul’atan Boqotan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC) – Hojii Raawwachiisaa Olaanaan duraanii FBC Obbo Baqqalaa Mul’atan dhibee tasaa isaan mudateen Addunyaa kanarraa du’aan Boqotan.

Dhaabbilee Miidiyaa garaagaraatti itti gaafatamummaan tajaajilaa kan turan Obbo Baqqalaa Mul’atan dhibee tasaa isaan mudateen halkan edaa addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Obbo Baqqalaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti Daayrektarra Olaanaa, Faanaa Biroodkaastiing Korporeetii fi Addis Miidiyaa Neetworkitti Hojii Raawwaachiisa Olaanaa ta’uun tajaajilaniiru.

Akkasumas dhaabbilee garaagaraatti sadarkaa itti gaafatamummaan tajaajilaniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Maatii, firaa fi hiriyoota isaa maraaf jajjabina hawweera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment