Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Masfin Xaasoow, barreessaa olaanaa waldaa Daandiilee Qilleensaa Afrikaa Abduraahimaan Bartee waliin mari’ataniiru.
Tumsa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa fi Waldaa Daandilee Qilleensaa Afrikaa gidduu jiru cimsuuf marii bu’aa qabeessa taasisuu isaanii Abduraahimaan Barteen ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Masfin Xaasoow barii hoggansatti dhufanitti mariin kun akka gaggeeffamu waldichaaf carraa laachuu isaaniif barreessaa olaanaan waldaa Daandiilee Qilleensaa Afrikaa Abduraahimaan Barteen galateeffataniiru.
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa miseensa daandiwwan Qilleensaa bara 1968 waldicha hundeessan 15 keessaa tokko ta’uu ibsame.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.